Jilli Ambaasaaddar Burtukaaniin durfamu Saa’ud Arabiyyaatti buufata tursaa lammiilee Itiyoophiyaa daawwate

Finfinnee, Bitootessa 30, 2016 (FBC) – Jilli Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon durfamu Saa’ud Arabiyyaatti buufata tursaa lammiileen Itiyoophiyaa keessatti argaman daawwateera.

Daawwannaan kun Lammiilee Itiyoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuuf hojiilee hojjetamuu qaban gamaaggamuu fi Koree Teeknikaaf galteewwan walitti qabuuf ta’uu eerameera.

Akkasumas lammiilee gara biyyaatti deebi’uu qaban adda baasuun adeemsicha eegalchiisuuf haala mijeessuuf ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment