Jilli Afyaa’otaa Aanaa Gobbaatti hojiilee misoomaa daawwate

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2016 (FBC)-Jilli Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaanii fi Afyaa’ota Naannolee fi Magaalota Lamaanii Godina Baalee Aanaa Gobbaatti hojiilee misoomaa gaggeeffamaa jiran daawwateera.

Jilichi qophii biqiltu Ganna kanaa, horsiisa kaannisaa, mana qorichaa moodela hirmaannaa hawaasaan ijaarame, misoomaa xaa’oo uumamaa daawwataniiru.

Wayita daawwannichaatti Bulchaan godina Baalee Obbo Abdulhakiim Aliyyiin, qamadii jallisii lafa hektaara kuma 125 olii irratti misoomerraa kuntaala miiliyoona 7 akka eegamu eeraniiru.

Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan gama isaaniin karoorri imala badhaadhinaa jiruuf jireenya hawaasa fooyyessuu waan taheef cimee itti fufuu qaba jedhan.

Af-yaa’iin Mana Maree Naannoo Sidaamaa Aadde Faantaa Kabbadaas Godina Baalee iddoo irraa biyyattiin omisha qamadii yeroo jalqabaatiif erguu jalqabde daawwachuutti gammachuu itti dhaga’ame ibsanii muuxannoo kana Naannoo Sidaamaatti babal’isuuf kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.

Olyaad Ahimaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment