Jilli Afyaa’ii Ittaantuun durfamuu yaa’ii Paan Afrikaarratti hirmaachaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Jilli Afyaa’ii Ittaantuu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Aadde Loomii Badhoon durfamu yaa’ii paarlaamaa Paan Afrikaarratti hirmaachaa jira.

yaa’ichi har’aa wayitaa jalqabu Dura Taa’aan Gamtaa Aftiikaa Muusaa Faakii Mahaammat, haasawaa taasisuun, miseensonni Mana Maree Ardichaa haaraan kakuu raawwataniiru.

Hoggantoota, Pirezidaantootaa fi Ittaantota Pirezidaantotaa Paan Afrikaa akkasumas filannoo koreewwan garagaraa gaggeessuuf yaa’ichi akka murteessuuf falmiin garagaraa gaggeeffamaa jira.

Filannichi naannawaa Afrikaa shananitti bakka bu’iinsi haqa qabeessi akka jiraatuuf paarlaamaan Gamtaa Afrikaa yeroo yeroon yaada hoggantootaa fi daandiiwwan raawwii filannoo barbaachisan dhiyaataniiru.

Yaa’iin paarlaamaa gamtichaa guyyootaa 6’f turu, bu’uuruma kallattiiwwan kaa’amaniin dhimmoota ardichaa hedduurratti akka mari’atu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment