Jilli Abbootii qabeenyaa Sudaan guyyaa har’aa Oromiyaa seene

Finfinnee, Fulbaana 16, 2013 (FBC) – Jilli Abbootii qabeenyaa Sudaan of keessatti qabate bakkeewwan hawaata tuurizimii Oromiyaa keessa jiran daawwachuudhaaf guyyaa har’aa Oromiyaa seeneera.
Jilichi abbootii qabeenyaa fi bakka bu’oota mootummaa Sudaan of keessatti qabateera.
Jilli guyyoota muraasa dura Naannoo Amaaraa Gorgoraa fi bakka garaagaraa daawwachaa ture kun daawwannaa isaa Naannoo Oromiyaa keessattiis itti fufuun Oromiyaa kan seene.
Turtii guyyoota muraasa Oromiyaa keessatti qabaniiniis Paarkiiwwan Biyyaalessaa Abijaataa Shaallaa, Awaash, Gaarreen Baalee, Haroo Wancii fi kanneen biroos kan daawwatan ta’a.
Abbootiin qabeenyaa kunniin damee invaastimantii tuurizimii biyyattii fi naannoo Oromiyaa keessattiis ni hirmaatuun eegama.
Hoogganaan biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa obbo Kabbadaa Deesissaa daawwannaan akkasii Invaastimantii damee turizmii keessatti hirmaannaan abbootii qabeenyaa biyyaalee ollaa akka babal’tu taasisuu cinatti, walitti dhufeenya obbulummaa fi hariiroo hawaas diinagdee ummattoota biyyaalee obbolaawwan lamaanii cimsuu keessatti gahee olaanaa qabaa jedhaniiru.
Jilicha kan hoogganaan Umaar Alii Sudaanii fi Ityoophiyaan akka biyya tokkoo fi akka ummata wal ilaalla abbootiin qabeenyaa biyyaalee lamaanii walkeessaa adeemuudhan invastimatiiwwan biyyoota lamanii keessatti hirmaachuun obbolumma keenya kanaa daran kan cimsudha jedhaniiru.
Buzaalam Beenyaatu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment