Jilli abbootii qabeenyaa Sudaan Arsii Lixaa daawwate

Finfinnee, Fulbaana 18, 2013 (FBC)- Jilli abbootii qabeenyaa Sudaan Arsii Lixaa daawwate.
Jilichi tibba darbe gara Ityoophiyaa kan dhufe yoo ta’u, har’a godina Arsii Lixaa daawwateera.
Kanaan dura naannoo Amaaraa iddoolee hawwata tuuriizimii addaddaa kan daawwate yoo ta’u, tibba darbe magaalaa Bishooftuu daawwateera.
Jilichi imalasaa itti fufuun naannoo Kibbaatti hawwattoota tuuriizimii ni daawwataan eegama.
Har’a haroowwan Abijaataa Shaalaa fi Laangaanoo daawwataniiru.
Duursaan jilichaa Omar Aliin abbootiin qabeenyaa biyya isaanii hawwattoota tuuriizimii, riizoortii fi loojiiwwan misoomsuurratti bobba’uuf fedhii qabaachuu beeksisaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment