Jilli aadde Mufariyaat Kaamiiliin durfamu Maqalee gale

Finfinnee, Amajjii 29, 2013 (FBC)- Jilli Ministira Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiiliin durfamuu haala kenninsa deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayitti taasifamaa jiru daawwachuuf Maqalee galeera.
Jilichaan Ministira Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiiliin dabalatee hoji raawwachiisaa olaanaa Sagantaa Nyaata Addunyaa Deeviid Beezlii haammatamaniiru.
Jilichi turtiisaa Maqalee fi Kuyaatiin haala deeggarsi namoomaa itti taasifamaa jiru ni daawwatu jedhameera.
Dabalataanis naannichaatti deeggarsa namoomaa taasifamaa jirurratti bulchiinsa yeroo naannichaa fi hooggantoota komishinii hoggansaa sodaa balaa waliin ni mari’atuun eegama.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment