Jilli aadde Mastaawot Fayisaan durfamu aanaa Gachiitti hojiilee misoomaa adda addaa daawwate

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC) -Jilli Koree Dhaabbii Dhimma, Dubartootaa, Dargaggootaa fi Daa’immanii Caffee Oromiyaa aadde Mastaawot Fayisaan durfamu aanaa Gachiitti hojiilee misoomaa adda addaa daawwate.
Gareen kun, hojiiwwan misoomaa godina Buunnoo Baddalle aanaa Gachiitti piroojeektii daandii, bishaan dhugaatii, kilaastara jallisii qamadii, koompostii raammoo fi oolmaa dargaggoota aanichaa daawwataniiru.
Misooma hawwinu argachuuf nagaan jiraachuu qaba kan jedhan aadde Mastaawot daawwannaa taasisaniin nageenyi mana dhuunfaa irraa kan jalqabu ta’uu ibsuun jiraataan aanichaas cimee naannoosaa eeggachuu akka qabu marii hawaasa waliin taasisan irratti dubbatan.
Ijaarsa daandii Gachii – Yaanfaa ijaarsisaa bara 2011 jalqabe yeroo ammaa %50 irra gahuu kan qabu rakkoo harkifachuun %30 irra jiraachuu hubachuun madda komii ummataa ta’ee waan jiruuf qaamni dhimmi ilaalu xiyyeeffannoo akka kennuufbBulchaan aanichaa obbo Muhaammed Maccaa hubachiisuu isaanii waajjirri Caffee ibsa nuuf ergeen beeksiseera.
Kilaastara qamadii jallisii fi proojektiin bishaan dhugaatiirratti hojii hojjetamaa jiru ilaalchisee daawwannaa taasifameen hojiin boonsaa fi fakkeenyumaa qabu hojjetamaa kan jiru ta’uu hubachuun cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.
Koreen kun, hojiin gama koompostii horsiisa raammoon walqabatee jirus waan gaariifi cimuu kan qabu ta’uusaa aadde Mastaawot Fayisaa eeraniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment