Jilli aadde Loomii Badhootiin durfamu hojiiwwan misooma jallisii Qamadii aanaa Barraakiifi Aqaaqiitti daawwate

Finfinnee, Muddee 6, 2013 (FBC)- Jilli Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhootiin durfamu hojiiwwan misooma jallisii Qamadii godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee aanaa Barraakii fi Aqaaqiitti hojjetamaa jiru daawwateera.

Hojii misoomaa qonnaan bultoonni godinichaa hojjechaa jiran kan daawwatan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoo, waggaatti yeroo lamaa sadii oomishuun badhaadhina sadarkaa maatii hanga biyyaatti jiru mirkaneessuuf xiyyeeffannaan itti kennamee hojjetamaa jira jedhaniiru.

Qonnaan bulaan teeknoolojiin deeggaramuun oomishaafi oomishtummaa isaa dabaluuf hojiin hojjechaa jiru abdii kan namatti horudhas jedhan.

Aadde Loomiin hojii misooma jallisii irratti rakkoowwan qonnaan bultoota muudachaa jiran rakkooleen dhiyeessii sadarkaa sadarkaan jiran kan furaman ta’uu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment