Finfinnee, Muddee 6, 2013 (FBC)- Jilli Ministira Ministeera Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggootaa aadde Fiilsan Abdullaahiin durfamuu fi gareen ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa hammate magaalaa Jigjigaa galeera.
Jilichi ambaasaaddaroota Noorweey, Fiinlaand, Ayirlaand, Jaappaan, Turkii fi Swidiiniin kan hammatameedha.
Jilichaf hoggantoonni hojii mootummaa naannichaa simanna taasisuufi televiizhiiniin naannoo Sumaalee ibseera.
Jilichi guyyaa Rivaanii Adii sadarkaa idil addunyaatti yeroo 29 fi sadarkaa biyyooleessaatti ammoo yeroo 15ffaaf kabajamaa jiruu irratti hirmaata kan jiru yoo ta’u, ayyanichi sadarkaa biyyooleessaatti sirnota garaagaraatin kabajamaa jira.
Guyyaan Rivaanii Adii sadarkaa idil addunyaatti yeroo 29ffaatti akka biyyooleessaatti ammoo 15ffaaf magaalaa Jigjigaatti kabajamaa jira.
Kabajaa ayyaanichaarratti Jilli aadde Fiilsan Abdullaahiin durfamuu fi gareen ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa dabalatee preezdaantii naannoo Sumaalee Musxafee Mahaammad argamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.