Jilli Aadde Caaltuu Saaniin durfamu Proojektii misooma qarqara Laga Awweetuu Magaalaa Jimmaa daawwate

Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin durfamu Proojektii misooma qarqara Laga Awweetuu Magaalaa Jimmaa daawwateera.
Proojektiin qarqara Laga Awweetuu karoora Waggaa sadii keessatti xumuruuf Birrii miiliyoona dhibba 6’n hojjetamaa kan jiru yoo ta’uu, bara darbe Birrii miliyoonni dhibbi1 fi miiliyoonni 46 baasii itti ta’uu fi bara kana ammoo Birrii miiliyoona 80n hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Hojiileen misoomaa deeggarsa Baankii addunyaan Magaalaa Jimmaatti hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta’uu Aadde Caaltuun ibsaniiru.
Ministeerichis deeggarsa barbaachisu hunda taasiisaa jiraachuu himuu isaanii ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii magaalaa Jimmaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment