Jilli aadde Caaltuu Saaniin durfamu godina Buunnoo Beddelleetti daawwannaa taasise

Finfinnee, Muddee 13, 2013 (FBC)- Jilli itti aantuu Preezdaantii fi Qindeessituu Misooma Magaalota Oromiyaa aadde Caaltuu Saanii durfamu godina Buunnoo Beddelleetti daawwannaa taasiseera.
Aadde Caaltuun kaleessa galgala magaalaa Beddellee kan galan yoo ta’u, har’as magaalichatti ijaarramaa kan jiru mana barnoota bultii daawwataniiru.
Manni baruumsichas baasii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 67 ijaarramaa jira jedhamera.
Jjaarsiisas %5.5 irra jiraachuusaan yeroo itti aanuuf ariitiin akka hojjetamu aadde Caaltuun erga dabarsaniiru.
Godinachatti mana murtii olaanaa baasii Birrii miiliyoonaa 30 ijaarama jirus daawwataniiru.
Dabalataanis dargaggoota ogummaa fi teeknikaan eebbifamanii carraan hojii umaameef daawwataniiru.
Afawarq Alamuutu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment