Jilli aadde Alamnash Asfaawuun durfamu Mattuutti hojii proojeektiwwan misooma garagaraa daawwata jira

Finfiinnee, Amajjii 4, 2013 (FBC)- Jilli Koreewwan Dhaabbii Caffee Dura Teessuu Koree Dhaabbii Dhimma Hawaasummaa aadde Alamnash Asfaawuun durfamu magaalaa Mattuutti proojeektiiwwan misoomaa garaagaraa daawwata jira.
Jilichi magaalaa Mattuutti proojeektiiwwan misoomaa adda addaa, qabiinsa sirreeffamtoota mana sirreessaa fi haala baruu fi barsiisuu manneen barnootaa daawwateera.
Jilli kun Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuutti kaleessa irraa eegalee hojiiwwan bu’uuraalee misoomaa magaalicha keessatti hojjetamaa jiran, qabiinsa mirga namoomaa mana sirreessaa, sirna baruu fi barsiisuu manneen barnootaa, waldaalee IMX, buufata fayyaa fi hospitaala Mattuu daawwateera.
Tajaajila ibsaa kessa keessaa, harkifannaa proojektootaa, manneen barnootaa keessatti hanqina barsiisaa, daree, teessoofi sirreeffamtootaan walqabatee qulqullina dhabuu nyaata sirreeffamtootaa fi rakkoo buufata fayyaan walqabatu daawwannaa taasifameen dhimmoota xiyyeeffannoo addaa barbaadan ta’uu Aadde Alamnash ibsuu ragaan Caffee Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment