Jilli Aadde Adaanachiin durfamu Shaangaayitti daawwannaa hojii taasiise

Finfinnee, Mudde 8, 2016 (FBC)- Jilli Kantiiba Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen durfamu Chaayina Magaalaa Shaangaayitti daawwannaa hojii fi marii gaggeessuun ibsame.

Daawwannaa isaaniin pilaanii hundeeffamaa magaalotaa fi hojiirra oolmaa isaa, ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, akkaataa quubsuma lafaa fi bulchiinsaa akkasumas akkataa magaalaa ammayooftuu ijaaruun danda’amurratti qondaaltoota Magaalaa Shaangaay waliin marii bu’aa qabeessaa taasisuun eerameera.

Magaalaa giddugalaa gabaa Chaayinaa kan taate Shaangaayi waliin magaalaa ‘Smart City’ fi tajaajila dijitalaayizeshinirratti muxxannoo qooduu fi waloon hojjechuuf haaloota dandeessisanirratti mariin gaggeeffamuu ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment