Jilli Aadde Adaanachiin durfamu Itti Aanaa Walitti Qabaa Koongiresii Bulchiinsa Suchowaan waliin mari’ate

Finfinnee, Mudde 12, 2016 (FBC) – Jilli Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeen durfamu Chaayinaatti Itti Aanaa Walitti Qabaa Koongiresii Bulchiinsa Suchowaan Zuu Shuunziiw waliin mari’ateera.

Bulchiinsa Suuchowaanitti Magaalaan Cheenduu hojiin magariisummaa hojjetame kan dinqisiifamu ta’uu Aadde Adaanachi ibsaniiru.

Daawwannaa magaalichatti taasiisanirraa muxannoo hedduu argachuu kaasaniiru.

Itiyoophiyaatti daawwattoonni Chaayinaa dabalaa dhufuu eeruun, yeroo itti aanus Ityoophiyaa bakka ga’umsa daawwattoota Chaayinaa filatamaa taasiisuuf hojjechaa jirra jedhan.

Dhimmoota daldalaa, Misooma Magaalaa, Hariiroo Ummataa fi dameewwan biroon tumsaan hojjechuuf waliigalamuu Aadde Adaanach ibsaniiru.

Hariiroon Chaayinaa fi Itiyoophiyaa sadarkaa tarsiimawaatti guddachuu Chaayinaatti Itti Aanaa Walitti Qabaa Koongiresii Bulchiinsa Suchowaan Zuu Shuunziiw ibsaniiru.
Magaalaa Finfinnee waliin dameewwan garaagaraan tumsaan hojjechuu kan barbaadan ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment