Jilichi Bulchiinsa saba Oromootti naannoowwan weerara hoomaa Awwaanisaan miidhaman daawwate

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2013 (FBC) – Jilli Itti Aanaa Preezdaantii Mootummaa Naannoo Amaaraa Dooktar Faantaa Mandafiroon durfamu naannoo Amaraa Bulchiinsa saba Oromootti naannoowwan weerara hoomaa Awwaanisaan miidhaman daawwate.

Jilichi hoggantoota hojii olaanoo naannichaa of keessatti qabateera.

Bulchiinsa saba Oromootti kan argamu godinoota 7 keessaa godina 5 keessatti kan argaman gandoota 46 ol keessatti weerarri Awwaanisaa miidhaa qaqqabsiiseera.

Kanneen keessaa tokko aanaa Baatii yoo ta’u, aanicha keessatti gandootni 26 kan argaman yoo ta’u, gandoonni 21 weerarri Awwaanisaa uumamuun oomisha ooyruu irra jiru guutumaatti barbaadeesseera.

Qonnaan bultoonni weerarichaa hanga tokko ittisuuf yaalanillee wayita ammaa humna isaaniin ol ta’uun mootuummaan ariitiin akka isaan dhaqqabu gaafataniiru.

Itti Aanaa Preezdaantii Mootummaa Naannoo Amaaraa Dooktar Faantaa Mandafiroo ta’iin kun “waan hamilee nama buusudha” jedhaniiru.

Dooktar Mandafiroon mootummaan federaalaa fi naannoo lammiilee miidhamaniif deeggarsa akka taasisuu fi rakkinicha hundeerraa furuuf hojjechuu akka qaban himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment