Finfinnee, Onkololeessa 4, 2017 (FBC)- Caasa sirnaa Gadaa keessattii iddii dhaloota ilmaan Booraana warraa Laduutii fi warraa Bokkuu jedhamuun fulaa lamattii qoodama. Akka hubacha toluuf warraa “Laduu” jechuun warraa Qaalluu jechuudha. Laduun/Qaalluun Booranaa shan.
Shanan keessa tokkoo ta Goona ballaati. Afur ta sabboo sadeeniti.
1.Qaalluu Odituu-Hangafaa
2.Qaalluu Maxxaarri Kuukku
3.Qaalluu Maxxarrii Garjeeda
4.Qaalluu Maxxarrii Karaara
5.Qaalluu Karrayyuuti
Warraa Bokkuu jechuun ammoo warraa Gadaa jechuudha. Gadaan sirna Bulchiinsa biyyaati. Gadaan Boorana sadii. Sadeen;
1.Gadaa Arboora-Gadaa fiixe
2.Gadaa Awaxxuu
3.Gadaa Koonnituti.
Adeemsa kana keessattii warrii Qaallullen aadaa ufii qaba. Warrii Gadalleen akkasuma aadaa ufii qabaachu maanguddon ni himti.
Fakkeennaf ilmi warraa Qaalluu gosaa Odituu keessa dhalatee tokkoo aadaan innii qabuu tama warraa Qaalluuti malee gara warraa Bokkuu maree abbaa Gadaa ta’uu hin danda’u.
Akkasuma ilmii warraa bokkuu keessa dhalatellen aaduma warra bokkuuttin bulaa. Aadumatti akkasii! Waaqii aadaa keessattii nu bulchinna.
Akka waligalattii yoo laallu jilaa jilatan tamuu keessattii aadaan warraa Laduu/Qaalluutii fi warraa Bokkuu/Gadaa walittii hidhamiinsa cima qabdi.
Jilaa gadoomaf tolchan tamuu keessattii Qaallun qumbii kenne Gadaa eebbisa.
Warraa Gadaa geggeessan/adulloota/abbootii Gadaa eebbise Gadaan isaan geggeessan akka ta milkii taatu, daandiin bulchiinsa sirnaa Gadaa akka qajeelte gumii fidduu, Bara hama-tolaa Gadaan kaayomte akka milkiin offaltu, Akka nagaan gooro marmaaran Bokkuu daduutti dhaaban Qaalluun eebbise Waaqa kadhataaf.
Tanuma dhugoomsuf faaruu Booraana keessattii akkana jedhan “Qaalluu afaan Qumbii, hayyuu Afaan murtii” jedhan. Afaan Qaalluu afaan eebbati.
Warraa Qaalluu Bofichoo ka akka bofaa idduu, ka abaare cubbeessu, ka eebbisuu qabsiisu duruu abbooti fi akaakowwan teenna irraa dhaga’a guddanne. Akkanafuu wa hin abaaran, Wa eebbisan, eebbattii qabata.
#Adeemsa_Galma_Odaa_dhaabuu_yookaan_Odaa_Buluu
Yoo Gadaan Boorana baallii walirra fuudhuf yeroon diqqoon tokkoo hafteetti (ji’aa 3-4 ka hin caalle) Gadaan sadeen(Gadaan Arboora, Gadaa Awaxxuu fi Gadaa Koonnitu) qa’ee yaa’a Odituu dhuftee godaanna jilaa Odaa akka godaananiif Qaalluu Odituu baannatti.
Akkana jedhan baannatan”Qaalluu, amma kunoo giseen baallii Gadaa waliif dabarsan ya geette, ji’uma diqqaatti nu hafee. Akkanaafu jilaa Odaa jilanne Qaalluu muudna nu godaana” jedhan hayyota yaa’a Odituu fi Qaalluu gaafatan.
Hubadhi; Akka aadaa Booranattii Baallii waliif dabarsuuf ulaagan guddoon keessa dabruu qaban tokkoo Odaa buluu/jilaa oda jilachuu, Qaalluu muudu, Karraa Qaalluu dhufan qumbii fudhatan Qaalluu irraa eebba fudhachudha. Tana tolchan malee aadaan hin guutamtu.
Yoosi warrii Laduu/Qaalluu akkana jedhe Gadaa sadeenif deebisaf; “ee jennee jecha keessan ya dhageenne walgaafanne, Ayyaana edanne, ardaa itti godaannu adda baafanne qoonqo isaantii deebina jedhan waan qaban cufaan Gadaa sadeen keessummeessan gara yaa’a isaan kabajaan geggeessan.
Adeemsi jilaa kun “Baannatto Odaa” jedhamuun beekkama.
Adeemsa jilaa tana milkeessuf yeroon duubattii warrii Laduu/Qaalluu walgaafate akkuma jedhee kaan alduree cufaa eegi xumurateen duubatti guyyaa akkasii godaanne arda suntii qabanna jedhan Gadaa sadeef qoonqoo deebisan.
Duuba akkuma walittii beellamatan kaanii gulaan yaa’in Gadaa sadeeniti fi yaa’i Odituu jilaa Odaatif godaanan arda garagara ka walittii dhiyoo qubatan.
Fakkeennaf guyyaa hardha(13/10/2024) yaa’i Odituu Qaalluun Booranaa Qaalluu Iddoo Kuraa Tuutto Godinaa Booraana Bahaatti Aanaa Areeroo Gandaa Horsiisee bulaa Guutotti, ardaa dureetti gosaa Boorana Digaluu Eemmajii waliin qubate Galma Odaa dongoruu isaan bilbilaan mirkaneefadhe jira.
Galma Oda kana guyyaa hardhatu tokkoo jedhan ya ijaaran. Hardha irraa kaasan aga bultii 27 ykn Ayyaana 27 cufaa barii lafti bariitu cufaa ni ijaarama. Galmii bultii 27tiif ijaaramu kun “Galma Oda” jedhama.
Galma guddaa kana nama dhiira qofattii muka gugurdaan ijaara. Yeroo tanattii reera fi dheedi, gumii ballootti ba’ee ijaarsa fi waan akka akka dabalate warraa jilaatiif deeggarsa taasisaf.
Adeemsa kana kana keessattii Qaallun adda durummaan jilaa kan geggeessu yoo ta’uu yeroo hundaa mi’aa aadaati faayame eebbisa mullata. Warrii Galmaa ijaaruu faaru aadaa ta akka muuda taphacha waliif gumii balloo boo’arsa. Akkuma jennee adeemsi kun bultii 27tiif adoo wal irra hin cinnee taasifama.
Haaluma kanaan Gadaan Arboora yaa’ii abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo Ardaa Jilaa Guutootti, Gadaan Boorana damee Awaxxuu yaa’ii Abbaa Gadaa Adii Jaldeessaa arda Jilaa Bulee Hara Soogidootti fi Gadaan Boorana damee Koonnituu yaa’ii Abbaa Gadaa Boruu Diimaa arda Jilaa Halloonaatti Galma Oda dhaabuuf arda lafa dhawa qubatan Jiran. Gadaan sadeenif aga muudi Qaalluu ga’uuttii adoo addaan hin kunne jilaa tana bultii 27tiif walgula jilatan.
Dhumarratii eegii yaa’ii Gadaa sadeen( Gadaa Arboora, Gadaa Awaxxuu, Gadaa Koonnitu) fi yaa’ii Odituu jilaa Odaa waliin jilateen duubattii ykn Odaa bulee duubattii yaa’ii sadeen kenna akka akka ykn raddeen loon…qabatee muudan dhaachun Qaalluu muudun eebba fudhate jila ittii aantutti waliin dabra.
Baattu nu baadhi, arda nu danda’ii!
Madda:Kominikeeshinii Godina Booranaa