Finfinnee, Waxabajjii 10, 2016 (FBC)- Jila Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 23ffaarratti hirmaatuuf gaggeessaan taasifame.
Shaampiyoonicharratti Itiyoophiyaan dubartoota 34 fi dhiira 43’n kan hirmaattu ta’uun eerameera.
Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Gargaartuu Koomishinaraa Daraartuu Tulluun akka jedhanitti atileetonni shaakalaa guyyoota 15 taasisan akka walbeekaniif tumsuu eeraniiru.
Pireezidaantiin Koree Olompikii Itiyoophiyaa Dooktar Ashabbir Waldagiyoorgis gama isaaniin, hawwiin atileetotaa qabxii galmeessuu fi dorgommii olompikiirratti hirmaachuu ta’uu eeruun, shaampiyoonaan kunis dorgommichaf bu’uuraa akka ta’e ibsuu TOI gabaaseera.
Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaas atileetota ga’oomsuuf tattaffii taasiseef galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.