Jila Atleetiksii Ityoophiyaa Shaampiyoonaa addunyaa umrii waggaa 20 gadiiratti hirmaatuuf gaggeessaan taasiifame

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Jila Atleetiksii Ityoophiyaa Shaampiyoonaa Addunyaa umrii waggaa 20 gadii Kolombiyaa magaalaa Kaaliitti adeemsifamurratti hirmaatuuf gaggeessaan taasiifameera.
Bakka buutoonni Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa Jilichaaf ganama har’aa sa’aatii 2:00 irraatti Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun gaggeessaa taasiisaniifiru.
Shaampiyoonaan Atleetiksii Addunyaa Umrii waggaa 20 gadii Hagayya 1-6, 2014 Kolommbiyaa magaalaa Kaaliitti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment