Jila Atleetiksii Itiyoophiyaaf simannaan taasiifamaa jira

Finfinnee, Hagayya 23, 2015 (FBC) – Jila Atleetiksii Itiyoophiyaaf simannaan gootaa taasiifamaa jira.

Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa19ffaa Hangaarii magaalaa Budaapeesitti gaggeeffameerratti Alteetoonni kumni 2 fi 100 biyyoota 195 irraa walitti babba’an hirmaataniiru.

Biyyoonni 46 meedaaliyaa argataniiru.

Ameerikaan Meedaaliyaa Warqee 12, Meetii 8 fi Nahaasii 9 sadarkaa 1ffaa, Kaanaadaan Meedaaliyaa Warqee 4 fi Meetii 2 sadarkaa 2ffaa fi Ispeen Meedaaliyaa Warqee 4 fi Meetii 1 Addunyaarraa sadarkaa 3ffaan xumurteerti.

Keeniyaan meedaaliyaa Warqee 3, Meetii 3 fi Nahaasii 4 Afrikaarraa sadarkaa 1ffaa, Addunyaarraa sadarkaa 5ffaan yoo xumurtu, Itiyoophiyaan Meedaaliyaa Warqee 2, Meetii 4 fi Nahaasii 3 Afrikaarraa 2ffaa fi Addunyaarraa sadarkaa 6ffaan xumurteerti.

Jilli Atleetiksii Itiyoophiyaa shaampiyoonicharratti hirmaachuun qabxii gaarii galmeesse har’a wayita Finfinnee ga’u simannaa hoo’aataan taasiifameefira.

Ministira Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa fi Ministira Ministeera Dhimma Dubartootaa Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee dabalatee hoggantoonni mootummaa Federaalaa bakka argamanitti simannaan taasiifameefira.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment