Jila Atileetiksii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti hirmaateef beekamtii fi badhaasni kenname

Finfinnee, Hagayya 29, 2016 (FBC) – Jila Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Umrii Waggaa 20 gadii Peeruutti gaggeeffamerratti hirmaachuun qabxii gaarii galmeesseef beekamtii fi badhaasni kennameera.
Jilli Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoona Atileetiksii Addunyaa 20ffaa kanarratti hirmaachuun Meedaaliyaa Warqee 6, Meetii 2 fi Nahasaanii 2 argachuun deebi’eera.
Haaluma kanaan Atileetoota Meedaaliyaa Warqee argamsiisaniif badhaasni Birrii kuma 40, Meetiif Birrii kuma 25 fi Nahaasiif Birrii kuma 15 kennameera.
Leenjiftoonnis akkaatuma qabxii argamsiisaniin hanga Birrii kuma 40 badhaafamaniiru.
Atileetoota Dippiloomaa fidanii fi dorgommicharratti hirmaataniif akkatuma qabxii isaaniin badhaasni kennamuu ragaan Ministeera Aadaa fi Ispoortirraa argame ni mul’isa.
Shaamiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Umrii waggaa 20 gadii Peeruu Magaalaa Liimaatti gaggeeffamerratti biyyoonni 134 kan hirmaatan yoo ta’uu, Itiyoophiyaan Afrikaarraa sadarkaa 1ffaa fi addunyaarraa ammo 2ffaan xumuruun kan yaadatamuudha.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment