Jila Atileetiksii Ityoophiyaaf simannaan addaa ni taasiifama – Ministeera Aadaafi Ispoortii

Finfinnee, Adoolessa 19, 2014 (FBC) – Ministeerri Aadaa fi Ispoortii jila Atileetiksii Ityoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii addunyaa 18ffaa Ameerikaa Ooriiganirratti hirmaachuun qabxii gaarii galmeesseef simannaa ho’aa taasisuuf qophii xumuraa jiraachuu beeksiise.
Jilli Atileetiksii Ityoophiyaa boru galgala Finfinnee kan galu ta’uu ibsameera.
Ministeerri Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan ibsa har’a miidiyaaleef kennaniin jilli atileetksii Ityoophiyaa qabxii kanaan dura akka biyyaatti galmaa’ee hin beekne waan galmeessaniif simanaa addaatu taasifamaaf jedhan.
Ityoophiyaan Shaampiyoonaa atileetksii addunyaa 18ffaa Ameerikaa Ooriganiitti gaggeeffameen meedaliyaawwan 10 argachuun addunyaarraa Ameerikaatti aantee sadarkaa 2ffaan goolabuun kan yaadatamuudha.
Jilli atileetiksii kun tokkummaan wal gargaaruun qabxii gaarii galmeessuun cinaatti maqaa gaarii biyyaattii sadarkaa addunyaatti mul’isuun alaabaan biyyaattii ol siiqee akka mirmirfamuu taasiisaniiru jedhan.
Injifannoon kunis tokkummaa biyyaaf iddoo olaanaa qabaachuus obbo Qajeelaa Mardaasaa himaniiru.
Kamisa dhufu garichaaf simannaan kan taasiifamu ta’uu eeraniiru.
Sirna simannaafi badhaasaa jila atileetiksii kanarrattis aanga’oota mootummaa olaanoo dabalatee qaamoleen garaagaraa kan argaman ta’uu obbo Qajeelaan ibsa miidiyaaleef kennan kanaan ibsaaniru.
Dajanuu Gonfaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment