Jila aadaa Ityoophiyaaf Karanitti simannaan taasifame

Finfinnee, Muddee 7, 2012 (FBC) – Jila aadaa Ityoophiyaa daawwidhaaf Eertiraa jiruuf Karanitti simannaan taasifameef.

Jilli diippiloomaasii hawaasummaa Ityoophiyaa kun kaleessa waaree booda Eertiraa galuun isaa ni yaadatama.

Jilli Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii FDRIn duurfamu kun torbee tokkoof Eertiraa tura.

Jilichaan miseensonni 66 hammatamaniiru.

Jilichi ministir deettaa Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii aadde Bizuunash Masarat, miseensota ministeera Dhimma Alaa, Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii, Tiyaatira Biyyoolessaa, weellistoota beekamoo, Jaanoo Baand kan hammatedha.

Imalli jilichaa hariiroo ummataa, Eertiraa fi Ityoophiyaa cimsuuf kan kaayyeffatedha.

Jilli aadaa Ityoophiyaa kun Asmaraa, Karanii fi Mitsiwwaatti qophii muuziqaa isaa ni dhiyeessa.

Jilli aadaa Eertiraa Gurraandhala 2011 gara Ityoophiyaa dhufuun Finfinnee, Adaamaa, Baahir Daarii fi Hawaasaatti qophiisaa dhiyeessun ni yaadatama.

Comments (0)
Add Comment