Jijjiirramni dhufe itti fufiinsa akka qabaatu ogeeyyiin aartii qooda isaanii ba’uu qabu – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee,Bitootessa 2, 2013 (FBC) – Jijjiirrama biyyaa fiduu keessatti akkuma shoora olaanaa taphataa turan, jijjiirramicha itti fufsiisuuf ogeeyyiin aartii qooda isaanii ba’uu qabu jedhan Itti aantuun Kaantibaa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee.
Aadde Adaanachii fi itti gaafatamaan waajjira paartii Badhaadhilaa magaalaa Finfinnee obbo Mallas Alamuu haala waqtaawaa biyyaalessaa fi magaalichaa ilaalchisuun ogeeyyii aartii waliin mari’ataniiru.
Aartiin biyya ijaaruu, lammiilee qaruu, nagaa fi tokkummaa cimsuu, akkasumas ummata misoomaaf kakaasuuf meeshaa guddaa ta’uu aadde Adaanach himaniiru.
Hojiileen misoomaa eegalaman, nageenyi argamee fi tokkummaan biyyaalessaa cimee akka itti fufuuf ogeeyyiin aartii ogummaa isaaniin shoorri gumaachaan olaanaa ta’uu himaniiru.
Aadde Adaanach gama ogummaa aartiin guddina galmeessuuf rakkoowwan caasaa, imaammataa, ilaalchaa fi hojimaataa muul’atan walgargaaruun kan hiikuu dandeenyu hiikuuf, dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadanis xiyyeeffannoo barbaachisu itti kennuuf ogeeyyii kanneen waliin waliigaluu Fuula Feesbuukii isaaniin himaniiru.
Wal gargaarree yoo dalagne magaalaa keenyaa fi biyya keenya Wiirtuu aadaa, turiizimii fi aartii akka taasisnu nan amana jedhan.
Maatiiwwan Aartii waltajjiicha irratti argaman kaka’umsaan yaada ijaarsaa laatan galateeffataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment