Jijjiirramni biyyaalessaa akka dhugoomu dargaggoonni wareegama hedduu kaffalaniiru – Aadde Adaanach

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2013 (FBC) – Jijjiirramni biyyaalessaa akka dhugoomu dargaggoonni wareegama hedduu kaffaluu itti aantuun Kaantibaa magaalaa Findinnee Aadde Adaanach Abeebee ibsan. 
Hiriirri deeggarsaa Paartii Badhaadhina ‘Dargaggummaa koo Ityoophiyaaf, Kaardii koo Badhaadhinaaf’ mata duree jedhuun magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.
Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee kaadhimamtootaa Paartii Badhaadhinaa mana maree magaalichaa fi mana maree bakka bu’oota ummataa waliin sagantaa duula nu filadhaa kanarratti hirmaataniiru.
Ityoophiyaa ijaaruu keessatti ga’een dargaggootaa olaanaa kan ture ta’uu ibsaniiru.
Nageenya biyyatti eegsiisuu fi jijjiirrama fiduuf dargaggoonni wareegama kaffalaaniin Ityoophiyaa har’a geessee jirrti jedhan.
Dargaggoonni jijjiirrama akka biyyaatti dhufeef wareegagama kaffaluun Badhaadhinni akka hundaa’u gumaacha taasiisuu eeraniiru.
Dargaggootaaf carraa hojii uumuu fi siyaasa keessatti iddoo isaaniif malu akka argatan Paartiin Badhaadhinaa imaammata bocee hojjetaa jiraachuu dubbataniiru.
Paartiin Badhaadhinaa waan raawwachuuf waadaa gale paartii milkeessudha jedhan.
Paartiin Badhaadhinaa misoomaa fi guddina malee jijjibbaa fi qoodinsa dhaloota hin dhaalchisu jedhan aadde Adaanach.
Paartiin Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee mana maree bakka bu’oota ummataaf kaadhimamtoota 23, Mana Maree magaalaa Finfinneef kaadhimamtootaa 138 dhiyeesseera.
Maddi:- TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment