Jijjiirraan noottii haara erga eegalee Birriin biiliyoonni 14 baankiitti galuu ta’u ibsame

Finfinnee, Fulbaana 23, 2013 (FBC)- Ityoophiyaatti jijjiirraan noottii haara erga eegalee Birriin biiliyoonni 14 baankiitti galii ta’uu Baankiin Biyyoolessaa beeksise.

Jijjiirraa noottii erga eegalee guyyoota 14 qofaa keessaatti lammiileen kumni dhibba 5 fi kumni 80 heerrega haaraa banataniiru.

Hogganaan baankichaa Dooktar Yinnaagar Daseen,noottiin haaraa biiliyoonni 67 damee baankoota biyyatti maraatti argaman %99.9 rakkoo tokko malee qaqqabuu ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment