Jijjiirraan baraa Saba Booroo Shinaashaa “Gaarii-Waaroo” kabajamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 17, 2016 (FBC)- Naannoo Beenishaangul Gumuzitti jijjiirraan baraa saba Booroo Shinaashaa “Gaarii-Waaroo” sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.

“Gaarii-Waaroo” Magaalaa Asoosaatti siimpooziyamii, dhiichisaa fi argisiisaa aadaatiin kabajamaa jiraachuun ibsameera.

Mata duree “Gaarii-Waaroo dhiifamaaf, waloomaa fi nageenyaaf” jedhuun aayyaanicha ilaalchisuun mariin paanaalii gaggeeffamuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Saganticharratti Afyaa’ii Mana Maree Naannichaa Dooktar Tamasgeen Disaasaa, Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannichaa Obbo Isihaaqa Abdulqaadiriin dabalatee qondaaltonni olaanoon naannichaa biroon argamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment