Jijjiirraa taphattootaa guyyaa xumuraan ‘Thomas Partey’ Arseenaal, ‘Facundo Pellistri’ Maanchiister Yuunaayitiiditti makaman

Finfinnee, Fulbaana 26, 2013 (FBC ) – Fooddaan jijjiirraa taphattootaa liigoota Awrooppaa bara 2020/21 marsaaan duraa eda galgala xumurameera.
 
Guyyaa kaleessaa ‘Thomas Partey’ Atleetikoo Maadrid irraa Yuuroo miiliyoona 45.3 Arseenaalitti, ‘Facundo Pellistri’ ammoo Yuuroo miiliyoona 9 Maanchister Yuunaayitiiditti makamaniiru.
 
Alex Telles Yuuroo miiliyoona 13.6 Poortorraa gara Maanchiister Yuunaayitiid, Ben Godfrey Yuuroo miiliyoona 25 Noorwiichirraa Eevartanitti makamaniiru.
 
Theo Walcott ergisaan Eevartan irraa gara Saawuz hampiton, Robin Olsen Roomaarraa gara Eevartan imalaniiru.
 
Edisan Cavanii bilisaan Maanchiister Yuunaayitiiditti makameera.
 
Fooddaan jijjiirraa liigoota Awrooppaa bara 2020/21 marsaan duraa eda galaga xumuramus Priimayer Liigii Ingilaand keessatti garuu jijiirraan taphattoota biyya keessaa hanga bara Faranjootaa Onkololeessa 16, 2020tti itti fufa jedhameera.
 
Eda galgala qofa Priimayer Liigii Ingilaandiin jijjiirraan biyya keessaa fi alaa taphattootaa 11 xumurameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment