Jijjiiramni qilleensaa fayyaa namaa fi biqilootaa miidhaa jira

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015 (FBC) – Jijjiiramni qabeenya qilleensaa fayyaa dhala namaafi biqiloota magaalootaarraatti miidhaa qaqqabsiisaa jirachuu qorannoon tokko ifoomse.

Qorannichi magaalaa keessaatti biqiltuwwaaniif kununsa taasisuufi biqiltuwwaan hongee dandamatan dhabuun gaarii akka ta’e eerameera.

Biqiltuwwaan magaalaa keessa dhabamaan qilleensa qabbanaa’aan akka jiraatuufi naannawa jireenyaaf mijaata taasisuuf gahee olaanaa akka qabu ibsame.

Biqiltuwwaan magaalaatti dhaabaman fayya qamaa fi sammuu nama fooyyessuu irraatti shoora olaanaa qaba.

Austiraaliyaatti Qorataa Yuunivarsiitii Siidiinii Lixaa kan ta’e Manu’eel Ispeeroon akka jedhanitti, sababni jijjiirama qabeenya qilleensaa ho’ii dabaluu fi jiidhiinsi biyyoo hir’achuun biqiltuwwan magaalaatti dhabaman balaa hongeef waan saaxilamaniif jedhan.

Qorannichi biyyoota 87 keessatti magaaloota 164 kan qabatu yoo ta’u, sanyii biqiltuuwwan kuma 4 oliif xiyyeefannoon akka kennamu taasifameera.

Bu’aan isaas biqiltuwwaan kuma 4 keessaa walakkaa ol kan ta’an balaan goguu akka mudatuun BBC’n gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment