Jijjiiramni diinagdee Gooroo gadi fageenyaan ilaalamuu qaba malee irra keessa ilaalamuu hin qabu – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 25, 2016 (FBC) – Jijjiiramni diinagdee Gooroo gadi fageenyaan ilaalamuu qaba malee irra keessa ilaalamuun irra hin jiraatu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Yaadama Ida’amuun misooma biyyaaf maal gochuu akka qabnu sirnaan madaaluun keenyeerra.

Kaayyoon keenya badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuudha jedhan.

Adeemsi keenyas hiyyeessa kan giddu galeeffatedha, Xiyyeeffannoon keenyas hawaasa rakkoof saaxilaman deeggaruudha jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Milkaa’inni jijjiirama hojii keenyaa hundi tattaaffii waloo qooda fudhattoota irratti hundaa’a jechuun ibsaniiru.

Qaamoleen seera raawwachiisan daldaaltota seeraan ala socho’anirratti tarkaanfii akka fudhatan itti gaafatamummaan kennamuufii kaasaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment