Jijjiiramaa as riifoormiin dhaabbilee nageenyarratti gaggeeffame bu’aa argamsiise – Obbo Adam Faarahi

Finfinnee, Fulbaana 20, 2017 (FBC) – Jijjiiramaa as riifoormiin xiyyeeffannoo addaan dhaabbilee nageenyarratti gaggeeffame bu’aa argamsiisuu Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faarahi ibsan.

Kunis Itiyoophiyaan kabajamtee akka jiraattu bu’uura kaa’uu Sadarkaan Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faarahi himaniiru.

Dhaabbileen Nageenyaa fi Tikaa hoggaansaa fi human namaan cimanii, teeknooloojiin gabbatanii, beekumsa nageenyaa ijoo ta’anii fi bu’uura diimookiraasiin cichoomanii bilisa, walabaa fi ga’umsa akka qabaataan hojii bal’aan hojjetamuu Obbo Adam Faarahi eeraniiru.

Dhaabbileen biyyaa fi ummaataaf dhaabatan, aantummaan seeraa qofa qaban, diinni Itiyoophiyaarratti waan waraa akka hin yaadne kan taasiisan gaachana biyyaa ta’an ijaarramuu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment