Finfinnee, Guraandhala 19, 2015 (FBC) – Jijjiiramaa as magaalonni hawaasa akka fakkaatan, aadaa fi duudhaa uummataa akka calaqqisiisan hojjetamaa jiraachuu Kantibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan ibsan.
Bulchiinsi magaalaa Shaggar har’a ifatti hojii eegaleera.
Kaayyoon hundeeffama magaalaa Shaggar Wabii nyaataa mirkaneessuu, carraa hojii uumuu, teeknoloojii babal’isuu, ogummaa dagaagsuu fi invastimentii babal’isuun kenna tajaajilaa fooyyessuuf ta’uu Dooktat Tashoomaan haasawa taasiisaniin ibsaniiru.
Aadaa fi duudhaa uummataa haala calaqqisiisuuf Magaalaa Shaggar hundeessine jedhan.
Rakkoo mana jireenyaa hiikuu fi nageenya magaalaa mirkaneessuun Magaalaa Shaggar magaalaa hawaasaaf mijattuu taate uumuuf ni hojjenna jedham.
Qonna magaalaa ammayyeessuu fi bu’uura misoomaa babal’isuuf karoorfamuu Dooktar Tashoomeen dubbachuu OBN gabaaseera.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.