Jijjiirama qilleensaa ittisuu fi gadi lakkifama kaarbanii hir’isuuf waliigalteen tumsaa mallattaa’e

Finfinnee, Sadaasa 5, 2017 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Raashiyaan Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Azarbaajaan Baakuutti gaggeeffamaa jirurratti jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuu fi gadi lakkifama kaarbanii hir’isuuf waliigaltee tumsaa mallatteessaniiru.

Tumsi kun Itiyoophiyaan kutannoo fayyadama kaarbanii xiqqaa fi waaraa qabduu fi tumsa dhimmoota qabeenya qilleensaa Idil Addunyaa irratti qabdu cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu himameera.

Pirojektoota waloo hir’isa gadi lakkifama kaarbanii, misooma gabaa kaarbanii, bu’aa qabeessummaa anniisaa fooyyessuu, tarsiimoo haala qilleensaa madaqsuu uumuu, ce’umsa teeknooloojii mijeessuu fi qorannoo fi beekumsa qooduu dagaagsuuf akka ta’e ibsameera.

Waliigaltichi galmoota misooma biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi karoora gadi lakkifama kaarbanii zeeroo galmaan gahuuf qabdu kan deeggaru ta’uu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment