Jijjiirama qabsoo hawaasaatin dhuferraa ummanni fayyadamoo ta’uu qaba-Preezdaant Shimalliis

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2013 (FBC)-Jijjiirama qabsoo hawaasaatin dhuferraa ummanni fayyadamoo akka ta’uuf mootummaan hojjechaa jiraachuu Preezdaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimalliis Abdiisaan ibsaniiru.

Godina Shawaa Lixaa aanaa Dandiitti proojeektiin mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Aartiist Haacaaluu Hundeessaa fi hospitaallii sadarkaa tokkoffaa magaalaa Giincii baajata Mootummaa Birrii miiliyoona 60 oliin hojjetaman eebbifamaniiru.

Sirna eebba proojektootaa kanneenirratti preezdaant mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan kilaastera Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaa argamuun eebbisaniiru.

Sirna eebba proojekticharratti obbo Shimalliis Abdiisaa, jijjiiramicha fiduu keessatti ummanni Godina Shawaa Lixaa arsaan kanfalan olaanaa ta’uu ibsuun, hawaasichi jijjiiramicha irraa akka fayyadamuuuf mootummaan hojjechaa jira jedhaniiru.

Jijjiiramichi gara duubatti akka hin deebineefiis qaamoolee ergamaa diinaa ta’uun hiree ummanni argate duubatti deebisuuf deemanirrattiis tarkaanfii fudhatuu cimsee kan itti fufu ta’uus ibsan.

Diinagdeedhaan of utuubuun murteessaa ta’uu isaa kan ibsan preezdaant Shimalliis hiree argame kana gara diinagdeetti jijjirruu akka barbaachisu dhaamaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment