Jijjiirama akka biyyatti gaggeeffama jiru akka itti fufuuf itti gaafatamumma keenya ni ba’anna jedhan dargaggoonni magaalaa Jimmaa fi naannoshe

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) -Jijjiirama akka biyyatti gaggeeffama jiru akka itti fufuuf itti gaafatamumma keenya ni ba’anna jedhan dargaggoonni magaalaa Jimmaa fi naannoshe.

Dargaggoonni kun kana kan jedhan guyyaa har’aa magaalaa Jimmaatti jijjiirama Muummee Ministira Dooktar Abiy Ahimad adeemsifamaa jiru deeggaruuf hiriira nagaa waqtii gaggeesanitti.

Muummeen ministira Dooktar Abiy badhaadhina biyyatti mirkaneessuuf carraqqii taasisaan ummatoota biroo waliin ta’uun galmaan ni geenya jedhaniiru.

Sirnicharratti argamuun haasaa kan taasisaan Kantiibaan Bulchiinsa magaala Jimmaa obbo Makiyyuu Mahaammad ummanni oromoo ummata biyyatti waliin ta’uun deemsa dimookiraasi eegalame galmaan ni ga’a jedhaniiru jechuun FM Faanaa Jimmaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment