Jijjiiraan baraa Saba Yem ‘Heeboo’n kabajamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 22, 2016 (FBC)- Jijjiirraan baraa Saba Yem ‘Heeboo’n Magaalaa Saajaatti kabajamaa jira.

Sirna kabaja ayyaanichaarratti Naannoo Itiyoophiyaa Gidgaleessattii sagantaan hundeeffama Godina Yem gaggeeffameera.

Hawaasni Yem afaanii fi dhaha mataa isaa kan qabu yoo ta’u, ayyaanni jijjiirraa baraas fakkeenya dhiifamaa fi araaraa, waloomaa fi tokkummaa akkasumas argisistuu hawwii gaarii ta’uun barootaa dheeraaf sabichaa biratti kabajamaa turuun ibsameera.

Bulchaan Godinaa Yem Obbo Saamu’eel Gabiramikaa’el sirnicharratti, ‘Heeboo’n wayita gaaffiin godinaan gurmaa’uu hawaasaa naannichaa deebii argatetti kabjamuun addaa taasisan jedhan.

Afyaa’iin Naannoo Itiyoophiyaa Giddugaleessaa Faaxee Surmooloon gama isaaniin, ibsamoota eenyummaa Saba Yem guddisuu fi kunuunsuun, nageenya waloo fi misooma mirkaneessuuf bu’uura ta’uu ibsaniiru.

Muktaar Xahaa fi Tasfaahuun Kabbadaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment