Finfinnee, Amajjii 15, 2017 (FMC) – Jiidhinsi giddugaleessi Guyyoottan 11 itti aanaan keessa jiraatu qabeenya Bishaaniif gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksise.
Kutaalee biyyattii muraasni xumura Baatii Amajjii fi yeroo ce’umsaa jalqaba Waqtii Arfaasaa keessa jiidhinsi giddugaleessa kan qabaatan ta’uu himeera.
Jiidhinsi kun hamma tokko qabeenya Bishaaniif gumaacha kan qabu ta’uu Inistiityuutichi himeera.
Guyyoottan 11 itti aanaan keessa naannawaan Afaar Danaakil, Wabii Shabalee, Gannaalee Daawwaa, Marab Gaashaa, Ogaadeen, Ayishaa, Baaroo Akkooboo, Abbay, akkasumas Sululoonni Takkazee haala qilleensaa Gogaa ta’e kan qabaatan ta’uu ragaan Inistiityuuticharraa argame ni mul’isa.