Jiibuuttiitti vaayrasiin koroonaa namoota 117 irratti dabalataan argame

Finfinnee, Caamsaa 12, 2012 (FBC) – Jiibuutiitti sa’aa 24 keessatti vaayrariin koroonaa namoota 117 irratti dabalataan argamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksise.
 
Ministeerri Fayyaa biyyattii akka beeksiseetti qorannaa laabraatoorii namoota 813f taasifameen, dhibichi namoota 117 irratti argameera.
 
Biyyattiitti namoonni vaayrasichaan qabaman kuma 1 fi 518 ga’aniiru.
 
Jiibuutiitti hanga ammaatti namoota kuma 18 fi 345f qorannoon laabraatoorii taasifameera.
 
Biyyattiitti namni jalqaba bara Faranjootaa Eebila 18, 2020 vaayrasii kanaan qabamuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Maddi:-CGTN
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment