Jiibuutiin Ityoophiyaaf kiraayi buufataa % 82.5 hir’ifte

Finfinnee, Eebila 6, 2012 (FBC) – Mootummaan Jiibuutii meeshaalee Ityoophiyaan karaa buufata Jiibuutiin gara alaatti ergitu % 82.5 hir’isuu Muummeen Minitsitiraa FDRI Abiya Ahimad beeksisan.
 
Preezdaantiin Jiibuutii Ismaa’el Giileen biyya Ityoophiyaaf deeggarsa barbaachisu taasisuu Muummeen Minitsitiraa FDRI Abiya Ahimad galateeffataniru.
 
Yeroo rakkisaa kanatti meeshaalee biyya alaatti erginuuf kaffaltii buufata Dooniif raawwannu % 82.5 nuuf hir’isuun isaanii miidhaa weerara vaayrasii koroonaa dandamachuuf shoora olaanaa qabaachuu Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Hoggansa waloon dhiibbaa #COVID-19 dandamachuuf fakkeenya gaariidhas jedhan Muummeen Minitsitiraa FDRI Abiya Ahimad.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment