Jigjigaatti ijaarsi giddu gala nyaataa ‘Tasfaa Birihaan’ eegalame

Finfinnee, Bitootessa 12, 2015 (FBC) – Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti ijaarsi giddu gala nyaataa ‘Tasfaa Birihaan’ eegalameera.

Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanaach Abeebee fi hoggantoonni naannoo Somaalee ijaarsa jalqabaa giddu gala nyaataa Tasfaa Birihaan magaalaa Jigjigaatti jalqabsiisaniiru.

“Hojii namummaarratti xiyyeeffatee hawaasa harka qalleeyyii fayyadamoo taasisuun bu’aa qabatamaa kan argamsiise urjii Bahaa fi magaalaa Michuu Finfinnee kan taane magaalaa Jigjigaatti Ijaarsa Giddu Gala nyaataa ‘Tasfaa Birihaan’ eegalchiinfeerra’’ jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanaach Abeebeen.

Sagantaan haqa hawaasummaa Badhaadhinaa qabatamaan ummata fayyadamoo taasiisuun hariiroo ummataa cimsaa jiraachuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Giddu gallichi tumsa magaalaa Finfinnee fi garee Invastimantii Miidirookiin kan ijaarramu ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment