Finfinnee, Bitootessa 10, 2017(FMC) – Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Pirezidaantii Itti Aanaa Ejensii Tumsa Idil-addunyaa Jaappaan(JICA) Andoo Naa’okiin waliin mari’ataniiru.
Yerooma kana Ejensichi hojii misoomaa Itiyoophiyaa keessatti ga’ee olaanaa taphachuu isaa kan dubbatan Ambaasaaddar Misgaanuun, keessumaa ijaarsa dandeettiin, ce’umsa tekinooloojii fi falaasama Kaayizaniin tumsaa akka jiru ibsaniiru.
Kana malees, dameewwan fayyaa, qonnaa fi oomishaan tumsaa jiraachuu himaniii, daawwannaan isaaniis tumsicha caalmaatti akka cimsu dubbataniiru.
Dhaabbileen daldalaa Jaappaan carraawwan fooyya’iinsa dinagdee gooroo keessatti uumaman akka fayyadamaniif waamicha dhiyeessuu isaaniis ragaan Ministeera Dhimma Alaa irraa argame ni mul’isa.
Andoo Naa’ookiin gama isaaniin fooyya’iinsa dinagdee gooroo Itiyoophiyaa dinqisiifatanii, dhaabbanni isaanii Itiyoophiyaatti tumsa misoomaa dameewwan hedduu keessatti geggeessaa jiru cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.