Jibuutiitti godaantotni Ityoophiyaa 253 balaa Bidiruurraa baraarraman

Finfinnee, Mudde 14, 2015 (FBC) – Jibuutiitti godaantotni Ityoophiyaa 253 Bidiruun imaluun balaa irra ga’uuf turerraa baraarramuu ibsame.

Jibuutiitti Bidiruun daddabarsitoota namoota seeraan alaan Gondaantoota Ityoophiyaa 253 humnaan ol feetee gara Yeeeman imalaa turte to’annoo jala ooluun gondaantoota kanneen balaarraa baraaruun gara biyyaa akka deebi’an taasifamuu ibsameera.

Lammiileen biyya alaa 4 daddabasra namoomaa seeraan alaa kanaan shakkamuun to’annoo jala ooluu isaanii himameera.

Godaantoota kanneen keessaa 98 dubartoota ta’uu eerameera.

Isa ammaa dabalatee baatiwwan salgan darban qofa gondaanta karaa seeraan alaa Bidiruun daddabarfamaa turan 1000 to’annoo jala oolchuun balaa ga’uuf turerraa baraaruun danda’amuu Jibuutiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Birihaanuun Tsaggaayeen fuula Tiwiitarii isaaniin ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment