Jibuutiin walta’iinsaa daldalaa fi invastimantii Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuuf ni hojjetti-Hoji Gaggeessaa Fandii Walabaa Jibuutii

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2015 (FBC)- Jibuutiin walta’iinsaa gama aadaa, afaa fi hariiroo ummaataa fi ummataa akksumas daldalaa fi invastimantii Ityoophiyaa waliin qabdu caalmaan cimsuuf akka hojjettu Hoji Gaggeessaa Fandii Walabaa Jibuutii Siliim Feriyaanii Dubbatan.

Jibuutiin diinagdee ishee guddisuuf walta’iinsa naannawaa kanneen saffisiisan sagantaalee garaagaraa bocuun hojiirra oolchaa jiraachuun eerameera.

Saganticha keessa tokko Pireezidaantiin biyyattii waggoota lamaan dura kan ifoomsan fandiin walabaa Jibuutii tokko yoo ta’u, Jibuutii malees biyyoota Gaanfa Afrikaatti dameewwan invastimantii babal’isaa jiraachuu ibsan.
Fandichi tajaajila fe’umsaa buufata doonii malee, damee teelekoom, teeknooloojiiwwan haaraa, elektirikii, bu’uuraalee misoomaa, loojistiksii, qonnaa fi oomishaalee qurxummiirratti hojiilee invastimantii hojjechuuf kan xiyyeeffateedha.

Invastimantichi, Doolaara biiliyoona 1.5 yoo ta’u, waggootaa 10’n dhufan kan hojiirra oolu ta’uu ragaaleen ni mul’isu.

Hoji Gaggeesaa Olaanaan Fandii Walabaa Jibuutii Siliim Feriyaanii akka ibsanitti, Jibuutiin Ityoophiyaa waliin damee invastimantii fi daldalaan walitti dhiyeenyaan hojjechuu feeti.

“Daawwannaa kootiin, Ityoophiyaa keessatti riil isteetiin, tuuriizimii, teelekoomii fi dameewwan biroon caalmaan hojjechuuf carraaleen jiraachuu hubadheeaa” jedhan.

Ityoophiyaa fi Jibuutiin michuuwaan ta’uu ibsuun, muuxannoo kanas biyyoota Afrika birootti babal’isuun akka barbaachisu eeraniiru.

Keessumaa Afrikanonni carraa egeree isaanii dagaagsuuf walitti hidhamiinsi diinagdee naannawichaa murteessaa ta’uu ibsanii, hariiroo Ityoophiyaa fi Jibuutiif boqonnaa tokko biro kan banu ta’uu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment