Jeneraalonniifi qindaaltonni waraanaa Eertiraa Inistiitiyuutii Artifishaal Intalajansii fi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 25, 2015(FBC)- Jeneraalonniifi qindaaltonni waraanaa Eertiraa Inistiitiyuutii Artifishaal Intalajansii fi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo daawwachuu ibsame.

Gareen jalichaa dandeetti bu’uuraalee misoomaa teeknooloojii artifiishaal intalajansii fi hojiilee qorannoo fi misoomaa daawwataniiru.

Daayrektarri Olaanaa Inistitiyuutii Artifiishaal Intalajansii Iniinar Warquu Gaachanaa hojiilee qorannoo fi misoomaa faayidaa hawaasummaa fi diinagdee inistitiyuutichi hojjechaa jirurratti ibsa kennaniiru.

Bifuma walfakkaatuun gareen jilichaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo kan daawwatan yoo ta’u Daayrektarri Olaanaan Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo hojiilee dhaabbatichi waggoottan darbanitti gama nageenya saayibarii eegsisuu, qorannoofi misoomaa hojjete daawwachiisaniiru.

Dhaabbatichi nageenya saayibarii eegsisuun akkasumas nageenya biyyaalessaa, misoomaafi ijaarsa sirna diimokiraasii keessatti gahee olaanaa ba’achaa jiraachuu eeraniiru.

Yeroo ittaanuttis adeemsa badhaadhina waaraa biyyaalessaafi naannawaa mirkaneessuu keessatti tumsa biyyoota naannawaa waliin qabu cimsee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Qindeessaan Garee Jeneraalotaa fi Qondaaltonni Olaanoo Waaraanaa Eertiraa Jeneraal Abirahaa Kaasaa, daawwannaan inistitiyuutichatti taasisan muuxannoo biyya isaaniif faayidaa qabu argachuu dubbataniiru.

Ityoophiyaa fi Eertiraan damee teeknooloojiin carraa waliin hojjechuu dandeessisu uumuuf daawwannaa hubannoo irraa argatan ta’uu ibsuu ragaan dhaabbilee lameen irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment