Finfinnee, Qaammee 3, 2014 (FBC) – Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraala Dammallash Gabramikaa’eel Daayrektara Jeneraalaa Poolisii Biyyaalessa Jiibuutii Kolooneel Abdurahimaan Alii waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
Hojiilee eeggumsa naannoo daangaatti hojjetamaa jiru gamaaggamaniiru.
Hojiilee hojjetameen bu’aan jajjabeessaan argamuu fi gara fuulduraattis cimsanii itti fufuuf walii galaniiru.
Shakkamtoota yakka raawwachuun barbaaddaman hojiin dabarsanii waliif laachuu cimee kan itti fufu ta’uu marii isaaniin kaasaniiru.
Dhaabbileen lamaan daddabarsa namoota seeraan alaa, meeshaalee waraanaa fi maallaqa biyyoota adda addaarratti tarkaanfii waloon fudhataniin bu’aa olaanaan argamuu ibsaniiru.
Naannawaa daangaa biyyoota lamaanii yakkaa fi shororkeessummaarraa bilisa taasiisuuf hojiin qindoomina qabu hojjetamaa jiraachuu ibsamuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.
Poolisiin Federaalaa Ityoophiyaa fi Poolisiin Biyyaalessaa Jiibuutii yakkoota daangaa ce’aa ittisuurratti waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessanii turan.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.