Finfinnee, Adooleessa 28, 2013 (FBC) – Godina Harargee Lixaatti Qindeessummaa Jarmiyaalee Dubartootaatiin Aanaalee fi Magaaloota hunda hirmaachisuun Bassoo kuntaala 50 qopheessuun Raayyaa Ittisa biyyaaf deeggarsa taasiisaniiru.
Jarmiyaaleen dubartootaa Godina Harargee Lixaa Raayyaa Ittisaaf deeggarsa guddaa taasiisuu Itti Gaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggoota Godinichaa Aadde Asliyaa Abraahim ibsaniiru.
Deeggarsi eegalame cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
Dubartoonni godinichaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf qophii ta’uus eeraniiru.
Hawaasni akaakuun deeggarsa taasiisu cinaatti ilmaan isaa eebbisuun laachaa jiraachuu Bulchaan Aanaa Ciroo obbo Iskindar Ahimad ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Harargee Lixaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.