Jarman Meeshaalee ICT Birrii miiliyoona 500 olitti tilmaamamu Ityoophiyaaf deeggarsa taasiifte

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2014 (FBC) – Mootummaan Jarman meeshaalee ICT Birrii miiliyoona dhibba 5 oitti tilmaamamu Ityoophiyaaf deeggarsa taasiseera.
Deeggarsichi tumsa diinagdee fi Baankii misoomaa mootummaa Jarmanirraa kan argame ta’uu eeraniiru.
Deeggarsichi bu’uuraalee misoomaa dhaabbilee ICT babal’isuuf kan oolu ta’uu ibsameera.
Meeshaaleen Birriin miiliyoonni dhibbi 5 ol baasii itti ta’uun gara biyyaa galan kanneen Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kamiil, Ministir Deetaan Damee Teeknikaa fi ogummaa Dooktar Bakar Shaallee fi hoggantoota Inistiityuutii Teeknikaa fi Ogummaan daawwatamuu ragaan Ministeera Hojii fi Ogummaarraa argame ni muul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment