Jarman marii biyyaalessaa Ityoophiyaa deeggaruuf qophiidha- Ambaasaaddar Isteefan Awar

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) – Jarman marii biyyaalessaa Ityoophiyaa deeggaruuf qophii ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jarman Isteefan Awar ibsan.

Rakkoolee keessoo Ityoophiyaatti mul’atan furuuf mariin biyyaalessaa barbaachisaa ta’uu Ambaasaaddar Isteefan ibsaniiru.

Marichi hunda kan hirmaachisee fi hammate ta’uun gaaraagartee jiru mariin furuun waliigaltee biyyaalessaa uumuuf gargaara jedhaniiru.

Mariin biyyaalessaa Ityoophiyaa rakkoolee bu’uuraa biyyattii hiikuuf filannoo gaarii ta’uu kaasuun, Jamaniif gaaffiin yoo dhiyaate adeemsa marichaa deeggaruuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Hariiroon Ityoophiyaa fi Jarman cimee itti fufuu fi Ityoophiyaan deeggartuu tarsiimawaa Jarman ta’uu addeessaniiru.

Deeggarsa misoomaan Jarman deeggartuu ijoo Ityoophiyaa ta’uu fi nageenya waaraa Ityoophiyaa kan barbaaddu ta’uu dubbataniiru.

Abbootiin qabeenyaa Jarman dameewwan misoomaa biyyattii garaagaraarratti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Maddi :- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment