Jarman karoora qusannaa anniisaa raggaasiste

Finfinnee, Hagayya 19, 2014 (FBC) – Jarman karoora qusannaa anniisaa raggaasisuun ishee gabaafame.

Karoorri qusannaa annisaa kun hammi anniisaa ho’aa dhaabbileen ummataa fi biiroleen fayyadamanii digirii seentigireedii 19-20 akka ta’uu kan daangessuudha jedhameera.

Miseensonni kaabinee Jarman ergaa walga’anii booda Ministirrii diinagdee biyyattii Roobert Haabkee ibsa kennaniin, waqtii hoo’inaa fuulduratti jiraatutti fayyadama gaazii hir’isuuf kan gargaaru tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachuuf Mootummaan Jarman karoora waliigalaa raggaasisuu eeran.

Bu’uura karoora ragga’eetiin, barjaaleen beeksisa halkanii, ibsaaleen mankuusaawwan jalaa, guyyaa hunda galgala sa’aatii 4:00 hanga barii sa’aatii 12:00tti dhaamaanii akka turan murtaa’eera.

Murtechis bara Farnjootaa Fulbaana 1 eegalee suutaa hanga baatii Onkoloolessatti kan hojiirra oolu ta’uun ibsameera.

Kana malees, lammiileen biyyattii itti fayyadama gaazii %2-2.5 akka hir’isan daangesseera.

Tarkaanfiin hojiirra oolmaa hir’isa anniisaa kun dhaabbilee fayyaa fi dhaabbilee tajaajila hawaasummaa kennan akka hinilaallannee RT’n gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment