Jarman Ityoophiyaaf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 80.6 taasisuuf waadaa galte

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2014 (FBC) – Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Ministiroota Ministeera Dhimma Alaa Siwiidiinii fi Ayerlaan akkasumas Ministira Ministeera Tumsaa Diinagdee fi Misoomaa Jarman Waliin mari’atan.

Obbo Dammaqaan Ministeera Tumsaa Diinagdee fi Misoomaa Jarman Siiveenjaa Sichuuliz waliin dhimmoota hariiroo gam-lamee fi haala yeroo biyyaalessaarratti mari’ataniiru.

Deeggarsa mootummaa fi uummanni Jarman Ityoophiyaaf taasisaniif obbo Dammaqaan galateeffataniiru.

Mootummaan Jarman damee barnootaa fi qonnaa Ityoophiyaa akkasumas deeggarsa namoomaaf kan oolu Yuuroo miiliyoona 80.6 taasisuuf waadaa seenuu ibsameera.

Bifuma walfakkaatuun obbo Dammaqaan Ministiroota Ministeera Dhimma Alaa Siwiidiinii fi Ayerlaand waliin dhimmoota hariiroo gam-lameerratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment