Jarman Ityoophiyaa dabalatee biyyoota hongeen miidhamaniif deeggarsa Yuuroo miiliyoona 25 taasifte

Finfinnee, Bitootessa 13, 2015(FBC)- Mootummaan Jarman Ityoophiyaa, Keeniyaa, Soomaaliyaafi Sudaanitti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa Yuuroo miiliyoona 25 taasisuu ibsame.

Deeggarsichi gama dhaabbata Nyaataafi Qonnaa Addunyaa kan taasifame yoo ta’u dhaabbatichis deeggarsicha fuuchuu beeksiseera.

Hongeen Baha Afrikaatti mudate naannawichatti rakkoo hanqina wabii nyaataa qaqabsiisaa jiraachuufi Ityoophiyaa, Keeniyaa, Soomaaliyaafi Sudaan keessatti lammiileen miiliyoonni 22 deeggarsa namoomaa ariifachiisaa kan barbaadan ta’uu dhaabbatichi ibseera.

Sababa hongeen beelladoonni hedduun du’uufi lammiilee hedduun qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’uu eereera.

Deeggarsi taasifames lammiilee hongeen miidhamaniif dhiyeessii deeggarsa namoomaaf kan oolu ta’uu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment